Buufata konkolaatMagaalaa Shaashamannee
b
Imala Badhaadhinaa Dinagdeen Utubaa dinagdeen dabalame keessaa Bufanni konkolaataa Ammayyaa sadarkaa Idila Addunyaa eeggate qarshii walakkaa Biliyeenaan hojjatame (buufatni konkolaataa qindaawaan) Magaalaa bakka keessummonni kabajaa argamanitti bulchiinsa Shaashamannee har’a eebbifame.
Magaalii Shaamannee magaalaa bahaa dhihaa, Kaabaa kibbaan karra seensa fi bahiinsa shan qabdu fi magaalaa giddu-gala daldaalaa taatee dha.
Buufatni konkolaataa qindaawaan magaalaa Shaashamannee rakkoon hawwas dinagdee Ummata Godina Arsii Lixaa fi Magaala Shaashamannee furuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Kana malees, Buufanni qindaa’aan Magaalaa Shaashamannee buufata tajaajila hundaa iddoo tokkotti Ejeensii geejjibaa Godina Arsii lixaas Waajjiraalee isaa guutumatti kan hammate taj.hundaa kan kennu waan ta’eef buufanni kun madda galii, madda carraa hojii, iddoo nageenyi imaaltoota itti eegamuu dha. Akkasumas Buufatni konkolaataa qindaa’aan magaalaa Shaashamannee
👉🏾Galma Sinimaa Hammayyaa’aa
👉🏾CCTv Camera
👉🏾Biiroolee
👉🏾Gaaraajjii
👉🏾laabiyaajoo
👉🏾baankii
👉🏾Telekominikeeshinii
👉🏾Kaaffee
👉🏾Iddoo boqonnaa imaltootaa
👉🏾 Galma waltajjii adda addaa
👉🏾 Suuqiiwwan garagaraa
👉🏾Game zone adda addaa kan qabuu fi buufata baayee ammayyaa dha.
Magaalaa Shaashamanneetti bara kana pirojektoonni misooma garaagaraa qarshii miiliyoona 492 fi kuma dhibba saddeetii oliin hojjetame
Itti Aanaa Hoji Gaggeessaafi Itti Gaafatamaan Damee Bu’uuraalee Misoomaa Mana Qopheessaa Magaalaa Shaashamannee Obbo Abdiisaa Gammachuu bara kana magaalichatti pirojektoonni buleeyyiin 14 fi haaraan 27 walumaagalatti pirojektoonni 43 karoorfamuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Pirojektoonni kunneen pirojektoota rakkoo hawaasaa hiikaniifi gaaffii uummata magaalichaa bu’uura godhachuun karoorfamanii hojjetamaa jiran yoo ta’u karaa qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuramuun tajaajilaaf akka oolaniif deeggarsiifi hordoffiin taasifamaa jira.
Pirojektoonni hojjetamaa jiran iddoo balfi gogaan itti kuufamu, daandii koobilii, city paarkii Aleeluu, ijaarsa manneen barnootaa, buufata fayyaa, manneen waliin jireenyaafi kanneen biroo kan of keessatti hammatu yoo ta’u pirojektoonni kunneen baajeta Mana Qopheessaa, baajeta idilee, baajeta naannoofi hirmaannaa uumataatiin hojjetamaa kan jiran ta’uu Itti Aanaan Hoji Gaggeessaafi Itti Gaafatamaan Damee Bu’uuraalee Misoomaa Mana Qopheessaa Magaalaa Shaashamannee obbo Abdisaa Gammachuu eeraniiru.
Pirojektoota magaalichatti bara kana hojjatamaa jiran keessaa pirojektoonni buleeyyiifi bara kana eegalaman walumaagalatti 23 xumuramanii jiru. Pirojektoonni hafan bara itti aanuutti xumuramuun tajaajilaaf akka ga’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru obbo Abdiisaan himanii jiru.
Pirojektoota ijaarsi isaanii xumuramaniifi hojjetamaa jiran lammiilee hedduuf dhaabbii fi yeroodhaan carraan hojii uumaniiru.
Jiraattonni magaalichaas pirojektoonni misoomaa garaagaraa hojjetamaa jiran rakkoo isaanii kan furan ta’uu ibsuun kunuunsanii akka itti fayyadamanis dubbataniiru.
Kanaafuu, ummanni magaalaa Shaashamannee, Godina Arsii Lixaa fi naannoowaa hundi baga gammaddan, baga gammanne.
Daandiin Keenya Ida’amuu!!
Galmi keenna Badhaadhina!!