Magaalaa Hawwattuu ,Bu’uuraalee Misoomaa Guuttattee fi Jireenyaaf Mijooftuu Uumuuf Gaheen Manneen Qopheessaa Sadarkaan Jiranii Murteessaadha.
Manni Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Kutaalee Magaalotaa fi Aanaalee Qoratuun Kallattii Fuulduraa Kaaye.
Innisheetiiviiwwan adda addaa Manni Qopheessaa hojiirra oolchaa jiru keessaa:
Kenna Tajaajilaa fooyyessuu
Qonna Magaalaa
Ijaarsa Manneen Qusannaa
Misooma Paarkiiwwan Magaalaa
Industirii Godoo
Qulqullinna Magaalaa fa’a irratti bal’innaan karoorfatee hojjataa jiraachuu ragaan arganne ni agarsiisa.
Boqonnaa qophii karoora bara 2016 irraa kaasee Manni Qopheessaa Bulchiinsa Magaalichaa hojii hedduu hojjataa jiraachuu Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa fi Ittigaafatamaan Tajaajila Mana Qopheessaa Obboo Amiin Jamaal himaniiru. Karoora bara kana karoorfanne milkaa’innaan raawwachuuf Kutaalee Magaalotaa fi Aanaaleen jabaatanii akka hojjatan himaniiru.
Hirmaannaa ummataa cimsuun, qindoominnaa fi kutannoon hojjachuun qaama furmaata waan hundaa ta’uu akka qaban kaasanii, hanqinnoota gamaaggama kanaan adda bahanis ogeeyyii fi hooggansi sadarkaan jiru qindoominnaan hojjachuun ummata keenna fayyadamaa taasisuuf ni hojjannas jedhaniiru.
Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa fi Ittigaafatamaan Damee Bu’uura Misoomaa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obboo Abdiisaa Gammachuu ergaa dabarsaniin,hojiin kurmaana kana keessatti raawwataman jajjabeessaa ta’uu eeranii jiru. Innisheetiiviiwwan qabanne milkeessuuf, carraa hojii uumuu fi iddoo hojii, akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa fooyyessuuf ni hojjanna jedhaniiru.
Galiin Mana Qopheessaa duguugamee akka raawwatamu xiyyeeffannoon hojjachuu qabna jedhanii, pirojektoota bara kana karoorfannes milkeessuuf kan hojjatanii fi hanqinnoota hojii keessatti mul’atanis qindoominnaan akka furamus dhaamaniiru.
Hirmaattonni gamaaggamichaa tokko tokko yaada kennaniin, hojiin gama Mana Qopheessaa Kutaalee Magaalotaa fi Aanaaleetiin hojjatamaa jiru gaarii ta’uu himuun, dhimmoota akka galii galchisiisuu fi innisheetiiviiwwan jiran dhawaataan hojiirra oolchuu irratti daran akka hojjatamuu qabu kaasaniiru. Milkaa’inna hojii Mana Qopheessaatiif qindoominni murteessaa ta’uu isaaniis himanii jiru.
Dhimmoonni akka galii Mana Qopheessaa duguuganii galchuu, balfa maqsuu, Innisheetiiviiwwan Mana Qopheessaa hunda hojiirra oolchuu fi hanqinnoota mul’atan hundeerraa furuuf ciminnaan hojjatamuu akka qabu dhaamamee jira.