Qaamoleen Hawaasaa Nageenya magaalaa tiksuuf qophii ta’uu himan.
Qaamolee gurmaa’uun Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf socho`aa jiran hundeerraa maqsuuf gaheen lammilee olaanaadha jedhame.
Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti Koonfiraansii nageenyaafi sagantaan beekkamtii Koree gorsa walabaa bakka keessummoonni sadarkaa garagaraa argamanitti geggeefamee jira.
Nageenyi waaraan mirkanaa’uun misooma akka biyyaatti eegalame milkeessuu bira darbee maqaa gaarii biyyaa ijaaruu keessatti shoorri qabu olaanaadha.
Ittaanaan Komishinii Poolisii Oromiyaa Komishinara Darajjee Baay’isaa Finxaaleyyiifi shanee gareen gurmaa’uun Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf socho’aa jiran mootummaan naannichaa hirmaannaa uummataatiin fashaleessuuf hojjataa jiraachuu ibsanii jiru.
Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee obbo Adaanee Takilagiyoorgis lootee galtoota uummata dawoo godhachuun nageenya Magaalaa Shaashamannee booressuuf socho’an uummanni gurmaa’ee ittisuu akka qabu waamicha dhiyeessanii jiru.
Hoogganaan Qajeelcha poolisii Magaalaa Shaashamannee koomishiinar Abdurrahmaan Shobbee nageenyi magaalichaa amansiisaafi itti fufiinsa akka qabaatuuf gaheen caasaalee nageenyaa fi uummanni bahataa jiru dinqiisifachuun,uummanni tokkummaan qe’ee isaa eeggachuu akka qabu himanii jiru.
Qaamoleen hawaasaa maree kanarratti hirmaatan nageenya ofiif magaalaa isaanii eeggachuuf hojjataa jiraachuu ibsuun, Mootummaan keessoo caasaalee qulqulleessuufi humnoota carraa araaraa isaaniif kennamee fudhachuu didanirratti tarkaanfii fudhachuu akka qabu gaafatanii jiru
Magaalichatti Koree gorsaa walabaan hundaa’uun nageenyi waaraan akka dhufuuf hojjataa turaniif badhaasaafi beekkamtiin kennamee jira