SEENAA MAGAALAA SHAASHAMANNEE.
Qe’ee Aadde Shaashee Kaleessaa Har’a daandii Shantu Geessa!
KUTAA Jalqabaa
Erga Hundooftee umrii waggaa 112 lakkoofsisaa kan jirtu Magaalaan Shaashamannee Harka Dhalattoottoota ishii Keessa jiraataniin, ummata Naannawa Magaalaa Shaashamanneefi imaltoota ishee keessa darbuun hojiiwwan daladalaa irratti bobba’aniin ijaarramtee irreefi humna hardha qabdu horatuu dandeessee jirti. Magaalaan shaashamannee bara 1903 A.I kan hundoofteefi magaalaa gudditti Godina Arsii Lixaati. Maqaa hardhaa kan gonfatte shaashamannee seenduubeewwan garagaraatiin akka ta’e manguddoonni Sikkoo-Mandoofi hayyoonni ragaa bahu.
Seenaan hundeeffama magaalatti sochii daldala kibbaa, kibba bahaafi kibba dhiha Itoophiyaa akka ta’e seenaatu hima. kunis magaalattiin giddu gala guddinaafi siyaasaa akka taatuuf daandii saaqeera. Magaalan shaashamannee giddu gala daandiiwwan daldalaa itti wal qunnaman gidduutti argamuun ishee hudeefamuu qofa osoo hin taane guddinna ariifataa akka galmeessiftuuf sababa ta’eera.
Hundeeffama shaashamannee har’aatiif giddu galli gabaa Aleeluu ture. Giddu galli gabaa Aleeluu kun daldaltootni akkaataa barbaadaniin keessa akka hin qubanneef agarsiiftuuwwan rakkoo nageenyaa jiraachuun ni himama. Gabaan Aleeluu yeroo sanaa giddu gala gabaa qofa osoo hin taane qubbannaa humna waraanaafi waajjira bulchiinsaa ta’uuf dirqamtee turte.
Giddu-galli gabaa Aleeluu (Korree Rogichaa) madda rakkoo nageenyaa ta’uu irraa kan ka’e daldaltootni kibba biyyatti irraa dhufan iddoo Haruufaa jedhamu kan yeroo ammaa kutaa Magaalaa ta’ee moggaafame qubachuun isaanii sochii daldala Aleeluu akkaan qorrisiisuu hayyoonni ragaa bahuu.
Daldaltootni gabaa Aleeluu lagachuun gara Haruuffatti fuula isaanii deeffachuun bulchiinsa Aleeluu yeroo sanaa waan hinaafsiseef Aleeluu haarawa biraa hundeessuun sochii daldala isaanii iddootti deeffachuuf yaalanii jiru jedhama. Fedhiifi hinaaffaan imaltootni/daldaltoonni akka isaan bira qubataniif gabaa Aleeluufi Gabaa Haruufaa gidduutti taasifamaa tureen, magaalaa shaashamannee hundaawuu seenaatu dubbata. (Bent, 1988; informants 1, 3, 4; Katabo, 1999).
Akka jaarsoliifi abbootiin Gadaa Sikkoo-Mandoo irraa odeefanneetti dubartiin shaashee jedhamtu mana ishee keessatti farsoo fi bookaa naquun bakka qubannaa fi hara galfii daldaltootaa ta’aa turtee jirti. Farsoofi booka qofa osoo hin taane nyaatas imaltoota gara ishee dhufaniif qopheessaa turuun ni himama. Daldaltooni yeroo sanaa magaalaa shaashamannee har’aa yeroo gahan iddoon bookaafi farsoo itti unatan qabiyyeefi gosti kan yeroo sanaatiin garagara ta’us, akka har’aa kana bakka hunda waan hin jirreef mana shaashee deemnaa jedhu jedhama. Kanaaf Maggaasni maqaa Magaalaa Shaashammnnee jechoota lama manaa fi dubartii maqaan ishee Shaashee jedhamtu irraa moggafame.
Magaalaan shaashmannee of dandeettee Mana qopheessaatiin bulu kan eegalte A.L.I bara 1936 fi pilaaniidhaan buluu kan eegalte immoo bara 1996 lafa heektaara 17,119 irratti. Kaabaa kibbaa, bahaa dhihaa maamila horachuu fi daldalanii buufachuun hojii idilee jiraattoota magaalattiiti.
Shaashamanneen, Magaalaa karra seensaafi bahiinsa Shan qabdu, karra Jahaffaa ishees yeroo dhiyootti imaltootaaf bana gochuuf carraaqa kan jirtuudha. Kunis sochii daldala magaalaatti akkaan jabeessee jira. Baayinna ummataa kuma 407 olitti tilmaamamu kan qabduu fi Magaala sabaa fi sablammoonni 27 ol fi lammiileen biyya alaas aadaa, dudhaa fi amantii ofii karaa nagayaafi tasgabbii qabuun geggeefataa keessa jiraataa jiraniidha, Magaalaa gudditti biyyatti Finfinnee irraa KM 250 fi Magaalaa guddoo Naannoo Sidamaa Hawaasaa irraa immoo km 25 irratti argamti.
Mala dubartii siif haa kennu akkuma jedhamu, qe’een aadde shaashee, rakkoolee mudatanis, malaafi obsaan injifachuu itti beekti. Badii qaqqabe, akka duudhaa hawaasichaatti furaa, kan sanaa ol ta’e seera jiruun barsiisaa, qabeenya harka hammeenyaan manca’e, irree gamtoomeen deebisanii ijaaruun jiraattonni magaalaa shaashamannee seenaa yoomuu hin dagatamne hojjetaniiru, hojjechaas jiru.